Health 

Heart Attack (Dhukkuba Onnee Akka Tasaa)

DHUKKUBA ONNEE (HEART DISEASE) Dhukkuba onnee gaafa jedhamu akkuma dhukkuba kalee dhukkuboota hedduu ta’aniif yoo barreffaman kitaaba baay’ee guddaa tokkoon illee dhumuu hin dandeenye gaafa ta’u hunda isaanii takkaan ibsuun akka hin danda’amne hundi keenya illee ni beekna. Suuta suutaan garuu waanti hin taane hin jiru. “Ni turra malee ni urra jette boombiin” jedha Oromoon! Har’aaf kanan ibsuu barbaade dhukkube onnee akka tasaa namatti dhufu (heart attack) kan jedhamudha. AKKAMIIN UUMAMAA? Onneen qaama keenya hundaaf akkuma dhiiga raabsitu ofii ishiitiifis dhiiga ni barbaaddi. Maashaa furdaa (muscle) ittiin dhiiga qaama hundatti…

Read More
Health 

Sammuun Darbuu (Maraatummaa)

MARAACHUU (SAMMUUN DARBUU)? Kan waan hin jirre haasa’u hunduu maraatuudhaa? Sammuun darbuu (Schizophrenia) Dhukkubni yeroo hedduu akka naannootti maraatummaa jedhanee beekamu kun dhukkuba sammuu namaa hubuu dha. Haala qabatamaan jiru osoo hin taane; waan hin jirre arguu, waan hindubbatamiin dhaga’uu, waan kana dura dhalti namaa argeee hin beekne yaadaan arguu, garmalee sodaachuu, garmalee loluu, garmalee gammaduu, garmalee gadduu fi kkf.. walumaa galatti amala namni nagaa jedhamu tokko qabu irraa adda kan ta’e qabaachuudha. Maarree…. namni sababa malee gammadu, namni garmalee lolu, namni amaloota armaan olii kana keesssaa tokko tokko qabu…

Read More
Health 

Urinary Tract Infection (Infeekshinii Ujummoo Fincaanii) UTI

INFEKISHIINII UJUMMOO FINCAANII (IUF) (By Dr. Nuredin Luke) Qaamni(Orgaaniin) dhiiga keenya dhimbiibee fincaan baasu (Kaleen) yookiin orgaanonni fincaan qaama keenya keessaa gara alaatti baasuuf tajaajilan kan akka afuuffee fincaanii yoo baakteriyaa dhukkuba fiduun hubaman infekishiin Ujummoo fincaaniitiif nama saaxilu. . Infekishiiniin Ujummoo Fincaanii (IUF);- Infekishiinii ujummoo fincaanii gara gubbaa (kan Kalee) fi Infekishiinii ujummoo fincaanii gara jalaa/gara godaa (kan afuuffee fincaanii) jedhamuun iddoo lamatti qoodamu. . Mallatoolee Infeekishiinii Ujummoo Fincaanii: Fincaan nama gubuu ykn yeroo fincaanan miirri akkasii namatti dhagahamuu -Fincaan nama mudduu -Fincaan Dafee dafee dhufuu -Fincaan akka malaa…

Read More
Health 

Ittisa da’umsaa hattamaa

ReproductiveHealth Karoorri maatii atattamaa (postpill) kan jedhamu gosa qusannoo maatii shamarraniif laataman keessaa isa tokko ta’ee heedduminaan ga’eessotatu fayyadama. Kunis kan ogeessa fayyaatiin ajajamu ykn kan akkasumaan mana qorichaati bitamudha. Karoorri maatii atattamaa kun kan fudhatamu; 1.wayita shamarran dirqisiifamanii gudeedaman. Wayita kondoomiin tarsa’u Osoo qusannoo maatii kan pills jedhamuu fadhataa jiranii ija lamaaf isaa ol yoo hir’aanfatan. Wayita quunnamtii saalaa daangaa hin qabne raawwatan. Osoo kalaanderii fayyadamaa jiranii yoo quunnamtii saalaa dangaa hin qabne raawwatan. Postpills kun dandeetiin ulfa ittisuu isaa sa’aatii inni itti fudhatamerratti hundaa’a. Kunis yeroo heedduu tableetiin…

Read More
Health 

Sinusitis

Sinusitis is an infection of one the sinuses (empty space in the bone of forehead) we have. Dhukkuba Saayinasii (Sinusitis) Saayinasiin maqaa qaamota keenyaa keessaa tokkooti. Saaynasiin baayyinaan afur kan tahan qaamota keessi isaanii qullaa qilleensaan guutame jiru lafee naannoo funyaanii keessatti argamanidha. Qaamonni kun yeroo fayyaa isaanii qiilleensaan guutamanii haa jiraatan malee yeroo tokko tokko dhangala’aa hin barbaachifneen, baakteriyaadhaan, vaayirasii fi kan biroon illee ni dhuunfatamu. Yeroo kana sinusitis yokaan sinusiin keenya kulkule jenna. Allergic sinusitis kan jedhamu garuu sababa alerjiin kan dhufudha. Baakteeriyaa yokaan vaayirasiidhaan miti. Saayinasiin kun…

Read More
Health 

DHIPHINNII SAMMUU furdina qaamaa garmalee namatti fida

Dhiphuu/muddamaa fi furdina qaamaa + Biyya keenyatti nama furdate yoo arginu ‘jireenyi siif ta’eera’ jechuun baratamaa dha. Qorannoon gara gara akka agarsiisanitti namootni gaafa dhiphuu /muddama keessa dheeraaf turan ni furdatu ykn ulfaatinni qaamaa isaanii ni dabala. Namni gaafa dhiphatu hormonii muddamaa, kortisool, kan jedhamu xannacha adrenalinii irraa baayyinaan madduun qaama namichaa balaa dhufuuf qopheessa. Yeroo namichi dhiphuu keessa bahu hormoonichis bakkatti deebi’a. Dhiphuun/muddamni namoota tokko tokko irratti bifa isaan dhiphachuu ofii ofirratti hin beekneen mullachuu danda’a. Yeroo dheeraaf koortisooliin baayyinaan dhiiga isaa keessa tura jechuu dha. Kun immoo fedhiin…

Read More
Health 

Dippoo Prooveraa

Depo proveran kanneen hormonaali qusannoo maatiif kennaman keessaa isa tokko. Kunis marfeedhaan kan ji’a sadii sadiin kennamuudha. Gosni qusannoo maatii kun shamarran gariin irtatti amala marsaa laguu jeequu ykn hambisuu,mataa dhukkubbii,finnisa qaama ykn fularratti baasuu,furdisuu,wayita ilmoo godhachuuf qusannoo maatii kana addaan kutan tursiisuuf kkf of keessaa qaba. Wayita daa’ima godhachuuf addaan kutan shamarran gariin hanga ji’a ja’aatti ulfaa’uu ni danda’u . Shamarran hammi kaan immoo erga addaan kutanii hanga waggaa lamaatti ulfaa’u. Kanaaf gosni qusannoo maatii kun dhibee dhala dhabdummaa yeeroo dheeraa waliin waan wal hin qabanneef dhiphachuun hin barbaachisu.…

Read More
Health 

ANEMIA – HIR’INA DHIIGAA

HIR’INA DHIIGAA (ANEMIA) Hir’ina dhiigaa jechuun yoo dhiigni diimaan qaama keenya keessatti argamu haga barbaachisuu irraa gadi bu’u jechuudha. MALLATTOO ISAA Dadhabbii, afuurri cituu, harkii fi miilli dilallaa’uu Mataa dhukkubbii lafti namaan maruu, waa yaadachuu dadhabuu. Dha’annaan onnee oduma taa’anii akka nama fiiguu namatti dhaa’amuu Gurra keessaa namatti iyyuu, dhamdhamni nyaata namatti jijjiiramuu fi kkf. MAALTU HIR’INA DHIIGAA FIDAA? Dhiiguu kanneen akka dahumsaa, marsaa laguu, kintaarootii fi kkf. Hir’ina viitamin B. Hir’ina elementii ayirenii (Iron) Dhukkuba garaachaa Raammoo garaa (hook worm) Dhukkuba busaa (malaria) Dhukkuba kalee yoo baayyee namarra ture…

Read More
Health Romance 

HOW TO REDUCE WEIGHTS: ULFAATINA QAAMAA AKKAMIIN HIR’ISUU DANDEENYAA?

Decreasing weight saves us from so many chronic diseases. It can avoid hypertension, diabetes and heart failure. ULFAATINA QAAMAA/FURDINA/ HUMNAA OLII AKKAMIIN HIR’ISNAA? Bishaan dhuguudhaan. Ganama akkuma hirribaa kaaneen bishaan yoo danda’ame loomii itti naqnee dhuguu qabna. Kana qofaan hin dhiifamu; nyaata nyaannu hundumaa waliin bishaan ga’aa sirriitti dhuguu qabna. Shayii (keessumaa shayii magariisa ykn green tea) sirriitti dhuguun ni gargaara. Nyaata sa’aa 1:00 boodaa (galgala) irraa of qusachuu qabna. Nyaata miyaa’aa ta’an akka kuukisii, chiipsii, keekii mimi’aawoo irraa of qusachuu. Nyaata kuduraaf muduraa sirriitti nyaachuu qabna. Nyaata zayitaa isa…

Read More
Health Technology 

RED EYE: MAALTU IJA KEENYA DIIMESSUU DANDA’AA?

What disease or environmental exposures can make colour of our eyes reddish? Here are some! Diimachuu Ijaa (Red Eye ) Iji keenyaa maaliif yeroo tokko diimataa? Iji keenyaa yoo rukkutame, yoo alkoolii baay’isnee dhugne boor ganama isaa fi kkf diimachuu mala. Kun waan namni hunduu beekudha. Kanaan ala waantota akkamiitu diimachuu ijaa fidaa? Alarjii: Kun yoo iji keenya waantoota isaan mudatan akka awwaara, Aara, harcaa abaaboo garagaraa, dibata biifamuu fi kkf lolanii diimatan jechuudha. Diimachuutti dabalee kessuumaa mallattoo akka hooksisuu, gubuu fi boo’uu yoo qabaate sababa alarjii ta’uu mala. Gogiinsa…

Read More