Health Technology 

RED EYE: MAALTU IJA KEENYA DIIMESSUU DANDA’AA?

What disease or environmental exposures can make colour of our eyes reddish? Here are some!
Diimachuu Ijaa (Red Eye )
Iji keenyaa maaliif yeroo tokko diimataa? Iji keenyaa yoo rukkutame, yoo alkoolii baay’isnee dhugne boor ganama isaa fi kkf diimachuu mala. Kun waan namni hunduu beekudha. Kanaan ala waantota akkamiitu diimachuu ijaa fidaa?

  1. Alarjii: Kun yoo iji keenya waantoota isaan mudatan akka awwaara, Aara, harcaa abaaboo garagaraa, dibata biifamuu fi kkf lolanii diimatan jechuudha. Diimachuutti dabalee kessuumaa mallattoo akka hooksisuu, gubuu fi boo’uu yoo qabaate sababa alarjii ta’uu mala.
  2. Gogiinsa Ijaa: Iji keenya imimmaaniin jijjiidhee argamuu qaba. Yoo imimmaan iji keenya oomishu ga’aa ta’uu baate yokaan salphaattii dhumu (evaporate godhu)ta’e, iji keenya gogiinsa irraa kan ka’e ni diimata. Keessummaa diimachuutti dabalee mallattoo akka iji namatti ulfaachuu, akka waan huubi wayii ija keessa jirutti namamatti dhaga’amuu/quqquuquu/, boo’uu dadhabuu, dadhabbii ijaa (iji keeny keenya ilaluu fi socho’uu dadhabuu) fi kkf yoo jiraatan sababa gogiinsa ijaan ta’uu mala.
  3. Infekshiinoota gara garaa: Kun baay’inaan daa’immani fi darbee darbee namoot gurgudd irratti illee kan rgamu yoo ta’u, diimachuu ijaa irratti dabalataan mallattoowwan akka: Iji gubee hooksisee imimmaan duran jiru caalaa maddisiisee dhangalasuu, dhangala’aa akka malaa bifa/qalama garaagaraa qabu dhangalaasuu, waanti dhangala’u sun ijarratti baay’inaan gogee argamuu (keessumaa ganama yoo irribaa ka’an) fi iji ofii ifa sodaachuu yoo jiraate waan kan ta’uu mala.
  4. Cicciituu/dhiiguu hiddoota dhiigaa xixiqqoo ija keessatti argamanii. Kun yeroo hiddoonni dhiigaa xixiqqoo ija keessatti argamtu sababa gargaraa (humnaan haxxifachuu, balaqqama cimaa, ija humnaan sukkuumuu fi kkf) ciccitanii dhiiganidha. Kun yeroo baay’ee ofuma isaatiin dhiisa, ija irrattis miidhaa gudd hin geessisu.
    MAAL GOCHUI QABNAA?
    Yeroo hedduu diimachuun ijaa waan nama yaaddeessu miti, waan ofii isaatiin dhiisuudha. Waantoota akka goguu ijaatiif imimmaan namtolchee fayyadamuun ni danda’ama. Diimachuu ijaa irratti dabalee waantoota armaan gadii yoo ofirratti argitan garuu mana yaalaa deemaa:
    -Dandeettiin waa arguu hir’isuu
    -Waanti qalama garagaraa qabu ija keenya duratti mul’achuu
    -Iji keenya altakkaan ifa laaluu dadhabuu
    -Mataa dhukkuubbii, balaqqama, dhagna gubaa
    -Dhiita’uu ijaa, ija banachuu dadhabuu
    Fayyaan Faaya
    Madda: Med Scape
    Dr. Gurmeessaa
    These and other some can make our eyes reddish.

Comments

comments

Related posts