hypersexual disorder Health Psychology Romance 

“hypersexual disorder Bu’aa Hamaa 10 Araada Walqunnamtii Saalaa Beekuu Qabdu”

Araadni saalqunnamtii, jeequmsa saalqunnamtii garmalee jedhamuunis kan beekamu, haala namni dhuunfaa tokko yaada, faantaasii fi amala saalqunnamtii irratti garmalee itti bobba’uudha. Araadni kun bu’aa badaa adda addaa kan fayyaa qaamaa, miiraa fi sammuu nama dhuunfaa, akkasumas hariiroo isaanii fi jireenya dhuunfaa fi ogummaa isaanii irratti dhiibbaa uumuu danda’u fiduu danda’a. Biloogii kana keessatti miidhaa 10 araada saalqunnamtii qabaachuun qabu ni ilaalla. Xumura irratti, araadni saalqunnamtii jireenyaa fi nageenya nama dhuunfaa irratti dhiibbaa guddaa geessisuu danda’a. To’annoo dhabuu, hariiroo irratti dhiibbaa uumuu, rakkoo maallaqaa fiduu, balaa fayyaa fiduu, dhiphina miiraa fiduu,…

Read More
Health 

Koroonaa Vaayirasii Kan Bara 2003

Is Corona virus new or it has been there before? GURAANDHALA, BARA 2003 G.CGuraandhala bara 2003 G.C ture, Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) biyya Chaayinaa lafa Guangdong jedhamutti namootni 300 ta’an dhukkuba sirna hargansuu hubuudhaan saffisaan dadhabsiisuun qabamuudhaan, namooni 5 du’uu mirkaneeffate. Baruma sana ji’a itti aanu keessa dhukkubni walfakkaatu, Hong Kong, Vietnam, Singapore fi Canada keessatti argame. Dhuma Adoolessa bara 2003 akka addunyaatti dhukkubni kun namoota 8096 hubuudhaan kanneen keessaa 774 lubbuu galaafate. Kana jechuun carraan namoota qabate lubbuu dabarsuu dhukkuba sanaa bara sanatti dhibbeentaa 9.6 (9.6%) ture jechuudha. Addunyaanis…

Read More
Health 

QORICHA – SUMMIILEE FAAYIDAA QABAN

Summiilee Faayidaa Qaban Namni yoo dhukkubsatee mana yaalaa deemu, qoratamee dhukkuba isaa addaan baafatee beekee, yoo kan qoricha qabu ta’e qorichaa isaa fudhatee fooyya’uuf, yoo danda’ame ammoo fayyuuf dha. Kana jechuun namni tokko yoo mana yaalaa deemuu dhukkuba isaa haakiima isa yaaluuf taa’etti himachuu, qorannoo dhiigaa, yokaan kan fincaanii, yokaan ammoo raajii ka’uu fi kkf keessaa kan darbu yoo ta’eyyuu galmi isaa inni guddaan qoricha dhukkuba isaaf ta’u argachuuf dha. Yeroo tokko tokko hawaasa keessatti kan arginu, sadarkaa mana yaalaa deemuu fi qoratamuu irra utaaluudhaan akkanumaan dhukkubsatanii qoricha fudhachuun ni…

Read More
Health 

Heart Attack (Dhukkuba Onnee Akka Tasaa)

DHUKKUBA ONNEE (HEART DISEASE) Dhukkuba onnee gaafa jedhamu akkuma dhukkuba kalee dhukkuboota hedduu ta’aniif yoo barreffaman kitaaba baay’ee guddaa tokkoon illee dhumuu hin dandeenye gaafa ta’u hunda isaanii takkaan ibsuun akka hin danda’amne hundi keenya illee ni beekna. Suuta suutaan garuu waanti hin taane hin jiru. “Ni turra malee ni urra jette boombiin” jedha Oromoon! Har’aaf kanan ibsuu barbaade dhukkube onnee akka tasaa namatti dhufu (heart attack) kan jedhamudha. AKKAMIIN UUMAMAA? Onneen qaama keenya hundaaf akkuma dhiiga raabsitu ofii ishiitiifis dhiiga ni barbaaddi. Maashaa furdaa (muscle) ittiin dhiiga qaama hundatti…

Read More
Health 

Sammuun Darbuu (Maraatummaa)

MARAACHUU (SAMMUUN DARBUU)? Kan waan hin jirre haasa’u hunduu maraatuudhaa? Sammuun darbuu (Schizophrenia) Dhukkubni yeroo hedduu akka naannootti maraatummaa jedhanee beekamu kun dhukkuba sammuu namaa hubuu dha. Haala qabatamaan jiru osoo hin taane; waan hin jirre arguu, waan hindubbatamiin dhaga’uu, waan kana dura dhalti namaa argeee hin beekne yaadaan arguu, garmalee sodaachuu, garmalee loluu, garmalee gammaduu, garmalee gadduu fi kkf.. walumaa galatti amala namni nagaa jedhamu tokko qabu irraa adda kan ta’e qabaachuudha. Maarree…. namni sababa malee gammadu, namni garmalee lolu, namni amaloota armaan olii kana keesssaa tokko tokko qabu…

Read More
Health 

Urinary Tract Infection (Infeekshinii Ujummoo Fincaanii) UTI

INFEKISHIINII UJUMMOO FINCAANII (IUF) (By Dr. Nuredin Luke) Qaamni(Orgaaniin) dhiiga keenya dhimbiibee fincaan baasu (Kaleen) yookiin orgaanonni fincaan qaama keenya keessaa gara alaatti baasuuf tajaajilan kan akka afuuffee fincaanii yoo baakteriyaa dhukkuba fiduun hubaman infekishiin Ujummoo fincaaniitiif nama saaxilu. . Infekishiiniin Ujummoo Fincaanii (IUF);- Infekishiinii ujummoo fincaanii gara gubbaa (kan Kalee) fi Infekishiinii ujummoo fincaanii gara jalaa/gara godaa (kan afuuffee fincaanii) jedhamuun iddoo lamatti qoodamu. . Mallatoolee Infeekishiinii Ujummoo Fincaanii: Fincaan nama gubuu ykn yeroo fincaanan miirri akkasii namatti dhagahamuu -Fincaan nama mudduu -Fincaan Dafee dafee dhufuu -Fincaan akka malaa…

Read More
Health 

Ittisa da’umsaa hattamaa

ReproductiveHealth Karoorri maatii atattamaa (postpill) kan jedhamu gosa qusannoo maatii shamarraniif laataman keessaa isa tokko ta’ee heedduminaan ga’eessotatu fayyadama. Kunis kan ogeessa fayyaatiin ajajamu ykn kan akkasumaan mana qorichaati bitamudha. Karoorri maatii atattamaa kun kan fudhatamu; 1.wayita shamarran dirqisiifamanii gudeedaman. Wayita kondoomiin tarsa’u Osoo qusannoo maatii kan pills jedhamuu fadhataa jiranii ija lamaaf isaa ol yoo hir’aanfatan. Wayita quunnamtii saalaa daangaa hin qabne raawwatan. Osoo kalaanderii fayyadamaa jiranii yoo quunnamtii saalaa dangaa hin qabne raawwatan. Postpills kun dandeetiin ulfa ittisuu isaa sa’aatii inni itti fudhatamerratti hundaa’a. Kunis yeroo heedduu tableetiin…

Read More
Health 

Sinusitis

Sinusitis is an infection of one the sinuses (empty space in the bone of forehead) we have. Dhukkuba Saayinasii (Sinusitis) Saayinasiin maqaa qaamota keenyaa keessaa tokkooti. Saaynasiin baayyinaan afur kan tahan qaamota keessi isaanii qullaa qilleensaan guutame jiru lafee naannoo funyaanii keessatti argamanidha. Qaamonni kun yeroo fayyaa isaanii qiilleensaan guutamanii haa jiraatan malee yeroo tokko tokko dhangala’aa hin barbaachifneen, baakteriyaadhaan, vaayirasii fi kan biroon illee ni dhuunfatamu. Yeroo kana sinusitis yokaan sinusiin keenya kulkule jenna. Allergic sinusitis kan jedhamu garuu sababa alerjiin kan dhufudha. Baakteeriyaa yokaan vaayirasiidhaan miti. Saayinasiin kun…

Read More
Health 

DHIPHINNII SAMMUU furdina qaamaa garmalee namatti fida

Dhiphuu/muddamaa fi furdina qaamaa + Biyya keenyatti nama furdate yoo arginu ‘jireenyi siif ta’eera’ jechuun baratamaa dha. Qorannoon gara gara akka agarsiisanitti namootni gaafa dhiphuu /muddama keessa dheeraaf turan ni furdatu ykn ulfaatinni qaamaa isaanii ni dabala. Namni gaafa dhiphatu hormonii muddamaa, kortisool, kan jedhamu xannacha adrenalinii irraa baayyinaan madduun qaama namichaa balaa dhufuuf qopheessa. Yeroo namichi dhiphuu keessa bahu hormoonichis bakkatti deebi’a. Dhiphuun/muddamni namoota tokko tokko irratti bifa isaan dhiphachuu ofii ofirratti hin beekneen mullachuu danda’a. Yeroo dheeraaf koortisooliin baayyinaan dhiiga isaa keessa tura jechuu dha. Kun immoo fedhiin…

Read More
Health 

Dippoo Prooveraa

Depo proveran kanneen hormonaali qusannoo maatiif kennaman keessaa isa tokko. Kunis marfeedhaan kan ji’a sadii sadiin kennamuudha. Gosni qusannoo maatii kun shamarran gariin irtatti amala marsaa laguu jeequu ykn hambisuu,mataa dhukkubbii,finnisa qaama ykn fularratti baasuu,furdisuu,wayita ilmoo godhachuuf qusannoo maatii kana addaan kutan tursiisuuf kkf of keessaa qaba. Wayita daa’ima godhachuuf addaan kutan shamarran gariin hanga ji’a ja’aatti ulfaa’uu ni danda’u . Shamarran hammi kaan immoo erga addaan kutanii hanga waggaa lamaatti ulfaa’u. Kanaaf gosni qusannoo maatii kun dhibee dhala dhabdummaa yeeroo dheeraa waliin waan wal hin qabanneef dhiphachuun hin barbaachisu.…

Read More