Health 

Sinusitis

Sinusitis is an infection of one the sinuses (empty space in the bone of forehead) we have.
Dhukkuba Saayinasii (Sinusitis)
Saayinasiin maqaa qaamota keenyaa keessaa tokkooti. Saaynasiin baayyinaan afur kan tahan qaamota keessi isaanii qullaa qilleensaan guutame jiru lafee naannoo funyaanii keessatti argamanidha. Qaamonni kun yeroo fayyaa isaanii qiilleensaan guutamanii haa jiraatan malee yeroo tokko tokko dhangala’aa hin barbaachifneen, baakteriyaadhaan, vaayirasii fi kan biroon illee ni dhuunfatamu. Yeroo kana sinusitis yokaan sinusiin keenya kulkule
jenna. Allergic sinusitis kan jedhamu garuu sababa alerjiin kan dhufudha. Baakteeriyaa yokaan vaayirasiidhaan miti. Saayinasiin kun akkuma dhukkuba asmii yeroo darbe ibsee waantoota alaa itti dhufan loluudhaan kan namatti dhufudha. Akkuma asmii dhukkubni kun waantoota akka qilleensa qorraa, qilleensa gogaa, dhukkee, foolii daraaraa garagaraa, fi kkf. dhufuu namatti ka’uu danda’a. Dhukkubni kun mallattoowwan akka mataa dhukkubsuu, funyaan cufuu, fuula dhukkubsuu, haxxifachiisuu, qufaasisuu fi kkf argisiisa. Yaala isaa ilaalchisee akkuma dhukkuba asmii waantoota dhukkuba kana nutti kaachisan irraa fagaachuun furmaata isa duraa ta’ee osoo jiruu, yeroo tokko dhukkuba alarjii kana irratti baakteeriyaan garaagaraa dabalamuun qaama sinus jedhamu kanatti seenuu waan danda’aniif mana yaalaa deemanii ilaalanii adda baafachuun gaariidha. Baakteriyaan qaama sinus jedhamu kana keessa yeroo dheeraaf osoo hin yaalamiin yoo jiraatan rakkoo biraa irra nu buusu. Fakkeenyaaf sinusiin sammuu cinaatti waa argamuun achumaan baakteriyaan gara sammuutti seenuun infekshinii sammuu illee fiduu danda’a. Sinusitis sababa alerjiin dhufu garuu ofumaa qoricha gargaraa fudhachaa yeroo isaa eegee mallattoowwan isaa kun dhabamu.
GALATOOMAA! SHARE IT FOR OTHERS!

Comments

comments

Related posts