Health 

Ittisa da’umsaa hattamaa

ReproductiveHealth

Karoorri maatii atattamaa (postpill) kan jedhamu gosa qusannoo maatii shamarraniif laataman keessaa isa tokko ta’ee heedduminaan ga’eessotatu fayyadama. Kunis kan ogeessa fayyaatiin ajajamu ykn kan akkasumaan mana qorichaati bitamudha. Karoorri maatii atattamaa kun kan fudhatamu;
1.wayita shamarran dirqisiifamanii gudeedaman.

  1. Wayita kondoomiin tarsa’u
  2. Osoo qusannoo maatii kan pills jedhamuu fadhataa jiranii ija lamaaf isaa ol yoo hir’aanfatan.
  3. Wayita quunnamtii saalaa daangaa hin qabne raawwatan.
  4. Osoo kalaanderii fayyadamaa jiranii yoo quunnamtii saalaa dangaa hin qabne raawwatan.
    Postpills kun dandeetiin ulfa ittisuu isaa sa’aatii inni itti fudhatamerratti hundaa’a. Kunis yeroo heedduu tableetiin inni jalqabaa yoo sa’aatii 72 fi inni lammaffaa immoo sa’aatii 120 keessatti yoo fudhatame fudhatama qabaata. Postpillsiin kun laguu jeequu,mataa dhukkubbii fi balaqqamsiisuun ala dhibee biroo waliin wal hin qabatu. Pillsin kun dhukkuboota walquunnamtii saalaan dhufan ittisuu hin danda’u. Kanaaf wayita postpills kana fayyadamnu akkuma walquunnamtii raawwataniin atattamaan fudhachuun gaarii ta’a.
    Galatoomaa!
    Dr.lammii G.

Comments

comments

Related posts