Urinary Tract Infection (Infeekshinii Ujummoo Fincaanii) UTI
INFEKISHIINII UJUMMOO FINCAANII (IUF)
(By Dr. Nuredin Luke)
Qaamni(Orgaaniin) dhiiga keenya dhimbiibee fincaan
baasu (Kaleen) yookiin orgaanonni fincaan qaama
keenya keessaa gara alaatti baasuuf tajaajilan kan akka
afuuffee fincaanii yoo baakteriyaa dhukkuba fiduun
hubaman infekishiin Ujummoo fincaaniitiif nama saaxilu.
.
Infekishiiniin Ujummoo Fincaanii (IUF);- Infekishiinii
ujummoo fincaanii gara gubbaa (kan Kalee) fi
Infekishiinii ujummoo fincaanii gara jalaa/gara godaa
(kan afuuffee fincaanii) jedhamuun iddoo lamatti
qoodamu.
.
- Mallatoolee Infeekishiinii Ujummoo Fincaanii:
- Fincaan nama gubuu ykn yeroo fincaanan miirri
akkasii namatti dhagahamuu
-Fincaan nama mudduu
-Fincaan Dafee dafee dhufuu
-Fincaan akka malaa (bifa booraa) jiru fincaanuu
-Fincaan nama ariifachiisuu
.
Kana malees Infekishiinii ujummoo fincaanii kan gara
gubbaa (Infeekishiiniin Kalee) dabalataan mallatoolee
armaan gadii qabaachuu mala: - Bowwoo (dhukkubii mataa)
- Qaama nama hoo’isu
-Nama lollojjessuu ykn haqqisiisuu - Nama qorrachiisuu, hollachiisu, ykn haxaxxeessuu
-Cinaacha jalatti dhukkubbiin namatti dhagahamuu
-Nama dadhabsiisuu fa’atu jiraata.
.
*Wontoota Infekishiinii ujummoo fincaaniitiif nama
saaxiluu danda’an keessaa:
-Yeroo dheeradhaaf Namoota tubboodhaan fincaan
isaan baafamaafii ture. - Ujummoolee fincaanii ykn kalee keessa cirrachi
jiraachuu.
-Namoota qaamni isaani dhibee haalaan ittisuu hin
dandeenye fkn worroota dhibee akka Sukkaraa, HIV fa’a
qaban.
-Uumamaan ujummoo fincaanii sirri hin tahin
qabaachuu.
-Dhiira caalaa durba kan hubu yoo ta’u, durba keessaas
isaan wolqunnamtii saala heddumeessan hubuu
danda’a.
- Akkasumas Opireeshiini yeroo dhihootti ujummoo
fincaaniitiif godhame yoo jiraate Infeekishiinii kanaaf
nama saaxila.
.
*Miidhaawwan IUF yeroodhaan yaalamuu dhabuu irraa
nama mudachuu danda’an keessaa:
-Infeekishiinichaan deddeebi’anii hubamuu - Haadholii ulfaa irratti ciniinsuun otoo yeroon isaa hin
gahin dhufuu, akkasumas daa’imni guyyaa isaa malee
dhalachuu. Ulfaatinni daa’imaas haalaan xiqqaachuu
danda’a.
-IUF otoo hin yaalamin yeroo dheeraaf dhiifame,
Ujummoon fincaanii akka dhiphatu gochuun fincaan
akka gadi hin baane (fincaan akka nama ukkaamsu)
godha. - Darbee darbee ammoo infeekishiiniin kun karaa
dhiigatiin qaama keenya keessa tamsa’ee lubbuudhaaf
sadarka sodaachisu irra gaha.
. - Haala Infeekishiinii kana ittiin dhoorkinu Kessa:
-Qulqullina qaama taa’umsaa eeguu(kessattuu
dubartootaaf)
-Tubboo fincaanii yeroo dheedhaaf ujummoo fincaanii
keessa tursiisuu dhabuu.
-Wol qunnamtii saalaa ofeegannoon hanqate gochuu
dhabuu.
-Wol qunnamtii saalaa booda fincaanuu.
-Bishaan gaha dhuguu.
. - Namni mallattolee armaan olitti eeraman ufi irratti
arge gara mana yaalaa deemuun qorannoo fincaaniif
kan biroo erga taasifameef booda haala Doktorri ykn
ogessi fayyaa itti himeen qoricha fudhachuu qaba.
IUF= Infeekishiinii Ujummoo Fincaanii.
Ulfaadhaa!
Horaa, bulaa, Deebanaa!