Health 

Sammuun Darbuu (Maraatummaa)

MARAACHUU (SAMMUUN DARBUU)?
Kan waan hin jirre haasa’u hunduu maraatuudhaa?
Sammuun darbuu (Schizophrenia)
Dhukkubni yeroo hedduu akka naannootti maraatummaa jedhanee beekamu kun dhukkuba sammuu namaa hubuu dha. Haala qabatamaan jiru osoo hin taane; waan hin jirre arguu, waan hindubbatamiin dhaga’uu, waan kana dura dhalti namaa argeee hin beekne yaadaan arguu, garmalee sodaachuu, garmalee loluu, garmalee gammaduu, garmalee gadduu fi kkf.. walumaa galatti amala namni nagaa jedhamu tokko qabu irraa adda kan ta’e qabaachuudha.
Maarree…. namni sababa malee gammadu, namni garmalee lolu, namni amaloota armaan olii kana keesssaa tokko tokko qabu maraatuu ykn nama sammuun darbedhaa? Miti! Namni sun hojii guyyaa guyyaa hojjechuu fi haawasa keessa nama waliin jiraachuu yoo DADHABE qofa kan dhukkuba kanaan qabameera jennu.
MAALTU FIDAA?
Akka kitaaboonni garaa garaa barreessanii fi researchoonni tokko tokko heeranitti rakkoo naannoo fi sanyii (environmental and genetic factors) kan jedhaman ka’umsa dhukkuba kanaati.
Environmental factor kan jedhaman: Qorichoota nama adoochan akka cannabis; Infekshinii gara garaa; Umurii haadhaa fi abbaa yoo mucaan dhalatu yo baayee guddaa ta’e; nyaata dhabuu haadha yoo daa’imni garaa jiruu fi kkf.

Comments

comments

Related posts