Health 

Dhala dhabuu (infertility)

Eega gaa’ela godhatanii booda yoo dhala dhaban abbaa manaamoo haadha manaatu mana yaalaa deemee qoratamuu qabaa?
“Dhala dhabuu” jechuun maal jechuudhaa?
Dhala dhabuu ykn “infertility” kan jedhamu rakkoo nama tokko akka dhuunfaatti muudatu osoo hin taane rakkoo nama lamaa “haadha manaa fi abbaa manaa” mudatudha. Maatiin (haati manaaf abbaan manaa) tokko dhala dhaban kan jedhamu: yoo haati maanaaf abbaan manaa wagga tokkoof (ji’oota kudha lamaaf) waliin jiraatanii walqunnaamtii saalaa haalaan (torbanitti al sadii fi isaa ol) osoo mala ittisa da’umsaa kamiyyuu hin fayyadamiin taasisanii dhala argachuu dhabanidha.
Namoota addunyaa kanarra jiraatan keessaa nama hagamtu rakkoo dhala dhabuu kanaan hubamaa? Sababni rakkoo dhala dhabuus maalirraa dhufaa?
Namoota wal fuudhanii osoo mala ittisa da’umsaa tokkoyyuu hin fayyadamiin walqunnaamtii saalaa ga’aa taasisan harka dhibba keessaa 80% haga 90% kan ta’an carraan mucaa godhachuu (ulfaa’uu haadha manaa) wagga tokko keessatti ni milkaa’a. kanneen hafan garuu sababoota armaan gaditti tarreeffamaniif dhala godhachuu dadhabu.
Maatiin (haati manaaf abbaan manaa) tokko kan dhala dhaban sababa dhalchuu dadhabuu abbaa manaa yokaan sababa da’uu dhadhabuu haadha manaa ta’uu mala. Yeroo tokko tokko immoo lamaanuu walfaana rakkoo qabaachuu malu. Haluuma kanaan dhala dhabuun, dhibbeentaa 20 (20%) rakkoo abbaa manaatiin, dhibbeentaa 38 (38%) rakkoo haadha manaatiin, dhibbeentaa 27 (27%) rakkoo lamaan isaaniin, dhibbeentaan 15 (15%) immoo kan sababni isaa hin beekamneedha. Kana kan adda baasu qorannoo isaan mana yaalaa deemanii taasisanidha.
Rakkoowwan /dhukkuboota/ gama dubartootaan dhala dhabuuf sababa ta’an keessaa:
• Rakkoo oovuleshiinii (Ovulatory disorders)
• Faffaca’uu tishuu keessoo gadameessaa (Endometriosis)
• Walqabachuu qaamota hormaataa (Pelvic adhesions)
• Cufachuu ujummoo oovaarii (Tubal blockage)
• Rakkoowwan ujummoo oovaarii kanneen biroo (Other tubal abnormalities)
• Baay’achuu hormoonii pirolaaktiinii (Hyperprolactinemia)
Gama dhiirotaatiin rakkoowwan ykn dhibeewwan dhala dhabuu kanaaf sababa ta’uu malan keessaa:
• Dhibee cidhaanii kan oomishaa fi fayyummaa sanyii kormaa irratti rakkoo fidu (Testicular disease)
• Dhukkuboota xannacha pituutaarii fi hayipootalamasii (secondary hypogonadism)
• Dhibee geejiiba sanyii kormaa (sperm transport disorder)
• Kan sababin isaa hin beekamne (Idiopathic)
Maatiin tokko erga dhala dhabanii booda yoom gara mana yaalaa deemuu qabuu?
Maatiin (haati manaaf abbaan manaa) gaa’ela godhatanii utuu dhala godhachuu barbaadanii yoo waggaa tokko (ji’a kudha lama) keessatti dhaban, deemanii qoratamuu qabu. Yoo haati manaa umuriin ishee wagga 35 fi isaa ol taate garuu wagga tokko eeguun barbaachisaa waan hin taaneef ji’oota ja’aaf erga eeganii dhabanii booda deemanii qoratamuun dirqama. Kunis akkuma umuriin dabalaa deemeen carraan dhala argachuu waan hir’ataa deemuuf wagga tokko eeguudhaan yeroo gubuun waan hin barbaachisneefi.
Eega gaa’ela godhatanii booda yoo dhala dhaban abbaa manaamoo haadha manaatu mana yaalaa deemee qoratamuu qabaa?
Akkuma armaan olitti ibsametti rakkoon dhala godhachuu dadhabuu haadha manaaf abbaa manaa rakkoo haadha manaa, kan abbaa manaa ykn kan lameenii walfaana ta’uu waan maluuf lachuu walfaana qoratamuu qabu. Akka aadaatti yeroo hedduu kan argamu akka dubartiin qofti rakkoo dhala dhabuu ykn maseenummaa qabduutti ilaalama. Namoonni tokko tokkos kan utuu mana yaalaa deemanii eenyu akka rakkoo qabu hin qorachiisiin takkumaan haati manaa kiyya da’uu hin dandeessu jechuun gara maatii diiguufi haadha manaa biraa illee fuudhuu deemuu danda’u. Kun dogoggora waan ta’eef walqabatanii gara yaalaa deemanii erga qoratamanii booda yaala argachuun barbaachisaadha.
Furmaanni karaa mana yaalaa rakkoo kanaaf kennamuu malan maal fa’ii?
Furmaanni karaa mana yaalaa kennamu rakkoo dhibee dhala dhabuu fide sana adda baasuu irraan eegala. Mana yaalaatti dhibeen dhala dhabuuf sababa ta’e sun erga adda ba’ee booda yaalli hedduun ni kennama. Kanneen keessaa kan yeroo hedduu kennaman.

Dhiirotaa dhalchuu hin dandeenyeef – assisted reproductive therapy – maloota gara garaatiin dhiirota ispeermii (sanyii kormaa) ga’aa hin qabneef ykn sanyiin kormaa isaanii baay’inaan fayyaa hin taaneef, tekinooloojii ammayaawaa ta’een qaama dhiiraa keessaa fuudhanii sanyii kormaa fayya qabeessa ta’e qaama dubartii keessatti hanqaaquu waliin walitti makuudhaan akka ulfi uumamu taasisuu fi yaalaawwan biroollee akkuma dhukkuba/dhibee adda ba’een ni kennamu.
Dubartoota da’uu hin dandeenyeef – akkuma dhukkubni isaanii adda ba’een: kanneen ujummoon oovarrii isaanii cufameef, kanneen dhibee gadameessii cufachuu (infeekshinii fi waantoota gargaraa booda) baqaqsanii yaaluun akka ulfaa’an gochuun ni mala. Kanneen rakkoo oovuleeshiinii rakkoowwan hormoonota gara garaa qabaniif ammo hormoonata fi qorichoota gargaraan yaaluun ni danda’ama.
Ofii ofiitiin haga tokko ofgargaaruun ni danda’amaa?

• Walqunnaamtii saalaa yoo xiqqaate torbanitti alsadii raawwachuun barbaachisaadha. Yoo qunnaamtii saalaa raawwatan guyyoota carraan ulfaa’uu baay’ee olka’aa ta’an adda baasnee beeekuuun gaariidha. Kana jechuun guyyaa marsaan laguu itti dhangala’uu eegale (the start date) irraa kaasee guyyaa 9ffaa haga 19ffatti. Fakkeenyaaf marsaan laguu yoo gaafa guyyaa caamsaa 12 kan dhufe ta’e, caamsaa 21 haga waxabajji 1tti guyyoota jiran walqunnaamtii saalaa kan hin raawwatamne ta’e carraan ulfaa’uu gadi bu’aadha.
• Waantonni sammuu jeeqan (stress) marsaa laguu fi qophaa’uu hanqaaquu waan hir’isaniif haga danda’ame hir’isuun yokan irraa fagaachuun barbaachisaadha.
• Ulfaatinni yoo baay’ee dabale hir’isuu, warshaa keemikaala qaban keessa yoo hojjannu of eeggannoo guddaa taasisuu (keemikaalota farra haramaa dabalatee) qabna.
• Qorichoota araada addaa addaaf oolan keessumaa alkoolii fi tamboo xuuxuu dhiisuun barbaachisaadha.

Horaa Bulaa
“Fayyaan Faaya”
Dr. Gurmeessaa Hinkoosaa
Arsii Yuunivarsiitii

Comments

comments

Related posts