Health 

Ofqorachiisuu

Osoo hin dhukkubsatiin yokaan mallattoo dhukkuba kami ofirratti hin argiin mana yaalaa deemanii of qorachiisuun dhukkuboota akkamii irraa nu baraaruu danda’aa? Hagamis barb aachisaadhaa?
Ilaalchi osoo hin dhukkubsatiin yaalamuu jedhu biyya keenya keessatti yeroo hedduu kan baratamaa hin taanee dha. Namoonni yeroo hedduu kan of qorachiisan yoo haalonni gargaraa isana dirqisiisan akka qacarrii hojiiwwan gargaraa, gara biyyoota biraa deemuu fi kkf yoo isaan mudatedha. Haa ta’u malee dhukkuboonni addunyaa kana irraa lubbuu namaa duguuguudhaan sadarka ol’aanaa qabatanii jiran akka dhiibbaa dhiigaa, dhukkuba sukkaaraa, istirookii, dhukkuba onnee baay’inaan osoo mallattoo hin argisiisiin qaama namaa erga miidhanii booda kan mul’atan. Dhukkuboota akkasii kana kan ofirratti beekuu dandeenyu fi ofirraa ittisuu dandeenyu yoo osoo hin dhukkubsatiin mana yaalaa yokaan kilinika dhuunfaa gargaraa deemnee of qorachiifne qofa.
Barteen yokaan amalli osoo hin dhukkubsatiin dhukkuboota akkasii of qorachiisuu biyya keenya keessatti maal fakkaata kan jedhuuf deebii dhuunfaama keenya irraa kaanee ilaaluu dandeenya. Yeroo hedduu biyya keenya keessatti osoo hin dhukkubsatiin of qorachiisuu miti, yoo mallattoon dhukkubaa namatti dhaga’ame illee ariitiidhaan dafanii mana yaalaa deemuun baratamaa miti. “Xiqqoo turtee na dhiifti” jedhanii obsuun waanuma baratamaadha. Rakkoon maallaqaa, manni yaalaa bakka barbaadanitti argamuu dhabuun, mana yaalaa deemaniis meeshaalee gargaraa mana yaalaa keessaa dhabuun akkuma jirutti ta’ee amma kan kaasuu barbaanne waa’ee mala fayyuummaa ofiif yaadanii mana yaalaa deemuuti. Kanaaf waanti godhamuu qabu akkasi, mallattoon dhukkubaa yoo namatti dhaga’amu dafanii mana yaalaa deemuun dhukkubni osoo namatti hin cimiin yoo argame, lubbuu ofii baraaruuf akkasumas baasii garmalee dhukkubni kun namatti cimee nama baasisu irraa baraaramuuf hedduu nama gargaara. Dabalataan mallattoo dhukkubaa kamiyyuu osoo ofirratti hin argiin of qorachiisuun ammoo dhukkuboota lubbuu galaafatan hedduun argamanii akka yaalaman nama gargaara. Fakkeenyumaaf akka qorannoon tokko tokko ibsanitti biyya keenya keessatti namoonni ga’eessota ta’an haga dhibbeentaa 15% ta’an dhiibbaa dhiigaa qabu jedhamee yaadama. Kanneen keessaa kan dhiibbaa dhiigaa akka qaban beekamee qoricha fudhatan hedduu xiqqoodha. Kana malees warrumti dhiibbaa dhiigaa akka qaban baranii qoricha fudhatan illee dhiibbaa dhiigaa qabaachuun isaaniii kan baramu sababa dhukkuba biraaf mana yaalaa deemanii dhiibbaan dhiigaa isaanii achumaan safaramuudhaan malee, ofiin of qorachiianii miti. Akkasuma dhukkubni sukkaaraa hawaasa keessa haga dhibbeentaa 10% kan ta’u yoo ta’u, dhukkuba sukkaaraa kan ofirratti baru garuu namni erga dhukkubsatee mana yaalaa deemee booda.
Kun ammoo erga dhukkubni sukkaaraa kalee, onnee, ijaa fi qaamota biraa illee hedduu booda waan ta’eef faayidaan yaala isaa irraa argamu hedduu gadi bu’aadha. Akka saayinsiin fayyaa jedhutti ammoo akkuma kana dura kaafne namoonni haala armaan gadii keessatti argaman dhukkuba sukkaaraaf qoratamuu qabu: namoota ulfaatinni isaanii olka’aa ta’e ykn BMI isaanii 25 kg/m2 ol ta’e fi kanneen sochii qaamaa kan hin tasifne, fira dhiigaa dhiyoo (kan akkka haadha, abbaa, obbolaa fi kkf) yoo kan dhukkuba sukkaaraa qaban ta’e, dhukkuboota sirna onnee fi hidda dhiigaa beekame kan qabu/qabdu yoo taate, dhukkuba dhiibbaa dhiigaa akkasumas, dhukkuba garmalee olka’uu cooma ykn koolesteroolii (hypercholesterolemia) qaamaa kan qabu/qabdu. Namoota umriin isaanii wagga 45 ga’e ammoo hunduu qoratamuu qabu, yoo bilisa ta’anis wagga sadi, sadiin itti deebanii ilaalamuu qabu. Akkasumas dubartii yeroo ulfaa dhukkuba sukkaaraa yeroo ulfaan qabamtee turte, yoo xiqqaate wagga sadi sadiin qoratamuu qabdi.
Akkasuma illee dhukkuboota daddarboo ta’an keessumaa ammoo dhukkuba vaayiresii tiruu gosa B fi Vaayiresii tiruu gosa C qoratamanii of beekuun faayidaa guddaa qaba. Vaayiresoonnii kun biyya keenya keessatti argama baay’ee ol’aanaa ta’e kan qabanii fi keessumaa vaayiresiin tiruu gosa ‘B’ haga dhibbeentaa 8% ga’a jedhamee yaadama. Vaayiresiin kun HIV caalaatti qunnaamtii saalaan daddarba, walqunnaamtii saalaan alatti illee waltuttuqqaa mana keessaa yeroo dheeraan illee carraan darbuu isaa olka’aadha. Kanaaf yoo qoratamnee ofbeekne irraa kan hafe, vayireesii kanarraa biisa jedhanii yaaduun baay’ee ulfaataadha. Vaayiresoonni kun yoo osoo hin qoratamiin qaama keessa yeroo dheeraaf turan, tiruu namaa dadhabsiisuun akkasumas Kaanserii tiruu nama qabsiisuun lubbuu namaa galafaatu. Namoonni hedduun akka vaayiresiin kun qaama isaanii keessa jiru kan baran erga tiruun isaanii miidhamee booda, kun ammoo tasuma ta’uu hin qabu. Yoo qoratamanii vaayiresiin tiruu qaama namaa keessatti aragame vayiresii tiruu gosa ‘B’f qorichha fudhachuudhaan yeroo dheeraaf akka miidhaa namarraan hin geessifne gochuun ni danda’ama. Yoo kan vaayiresiin gosa ‘B’ kun kan nama keessa hin jirre ta’e ammoo talaallii isaa fudhachuudhaan sana booda akka namatti hin dabarre dhorkuun ni danda’ama. Vayireesiin tiruu gosa ‘C’ ammoo yoo kan nama keessatti argamu ta’e yaalamanii guutummaa guutuutti fayyuun ni danda’ama. Haa ta’uu garuu kana mara kan fayyadamaa ta’uu danda’an yoo qoratamanii of baran qofa.
Akkasumas namoonni umuriin isaanii wagga 18 ol ta’e dhiibbaa dhiigaa isaanii akka of qorachiisanii beekuu qaban ogeeyyin fayyaa biyyoota gargaraa ni gorsu, dhiibbaa dhiigaa ofqoratanii beekuun ammoo dhukkuboota dhiibbaa dhiigaa irraan dhufan mafra akka hambisu kaasnee jirra.
Dhukkuba sukkaaraa, dhukkuba vaayiresii tiruu, dhukkuba vaayiresii HIV, dhukkuba dhiibbaa dhiigaa akka fakeenyaatti haa kaafnu malee dhukkuboonni hedduun qoratamuudhaan irraa faayidaa argannu hedduutu jira.qorannooleen dhukkuboota armaan olitti ibsaman kanaaf godhaman baay;ee salphaa fi bakka kamittuu argamuu kan danda’an akkasumas kaffaltiin isaanii hedduu xiqqaa kan ta’eedha. Kanaaf ergaan keenya, utuu qaamni keenya hin miidhamiin dhukkuboota irraa qoratamnee lubbuu keenyaaf gumaacha guddaa haa goonu kan jedhudha.
Horaa bulaa
Gurmeessaa Hinkoosaa
Arsii yuuniversiitii

Comments

comments

Related posts