Health 

QORICHA – SUMMIILEE FAAYIDAA QABAN

Summiilee Faayidaa Qaban
Namni yoo dhukkubsatee mana yaalaa deemu, qoratamee dhukkuba isaa addaan baafatee beekee, yoo kan qoricha qabu ta’e qorichaa isaa fudhatee fooyya’uuf, yoo danda’ame ammoo fayyuuf dha. Kana jechuun namni tokko yoo mana yaalaa deemuu dhukkuba isaa haakiima isa yaaluuf taa’etti himachuu, qorannoo dhiigaa, yokaan kan fincaanii, yokaan ammoo raajii ka’uu fi kkf keessaa kan darbu yoo ta’eyyuu galmi isaa inni guddaan qoricha dhukkuba isaaf ta’u argachuuf dha. Yeroo tokko tokko hawaasa keessatti kan arginu, sadarkaa mana yaalaa deemuu fi qoratamuu irra utaaluudhaan akkanumaan dhukkubsatanii qoricha fudhachuun ni jira. Yoo ilaalan dhukkubsatanii kallattiin qoricha fudhachuun karaa gabaabaa fakkaachuu mala, rakkoon isaahoo maali?
Maalumaafuu qorichi maalii? Qorichi yoo uumamu kayyoo uumamuuf qaba, yokaan baakteeriyaa ajjeesuuf, yookaan dhukkubbii qaama keessaa balleesuuf, kaan ammoo seelota kaanserii ajjeesuuf uumamu. Keemikaalonni ykn qorichoonni jennu kun kaayyoo uumamaniif kana yeroo raawwatan, fayiidaa ummamaniif cinaatti miidhaa geessisan hedduu qabu. Miidhaa geessisu taanaan maaliif kennamuree kan jedhuuf ammoo qorichi tokko kan dhala namaaf kennamu faayidaa inni qabu yoo miidhaa inni geessisuu ol ta’e qofadha. Gama kan biraan yoo ilaalle qorichi tokko yoo haga barbaachisuu ol kan kennamu ta’e miidhaa haga battalatti lubbuu dabarsuutti deemuu mala. Qorichoonni haala umurii irratti, ulfaa fi ulfa ta’uu dhiisuu irratti, nama guddaaf daa’ima ta’uu irratti hunda’uun kennamu. Kana qofaa miti waa’een qorichaa waan hedduu kaasuu dandeenya. Walumaa galatti kan jechuu barbaanne, qorichi yoo dhuukkuba barbaadameef, haga barbaachisuun, dheerina yeroo barbaachisuun fi umurii fi waan kana fakkatan irratti hundaa’ee hin kennamne qorichummaan isaa hafee summii ta’a jechuu dandeenya. Yoo haalaan fayyadamne garuu qoricha ykn furmaata ta’anii tajaajilu. Kanaaf qorichoonni “summiilee faayidaa qaban” jechuu dandeenya.
Yeroo tokko tokko mataa dhukkubbii, garaa dhukkubbii, dhukkubbii dugdaa, qufaasiisaa… fi kkf jechuun kallattiin mana qorichaa deemuun qoricha akkanaa naa kenni jechuun qoricha bitachuu dandeenya ta’a. Qorichi fudhannu sun garuu miidhaa akkamii akka nurraan ga’uu maluu fi hagam akka nu fayyaduu danda’u hoo ni beeknaa? Fakkeenyuma salphaa kaasuudhaaf, dhukkubbii mataaf jennee qoricha ibuprofen jedhamu mana qorichaatii akka barbaanne bitanna. Qorichi kun garuu kalee dhala namaa hedduu akka hubuu danda’u ni beeknaa? Kana jechuun qorichi kun faayidaa hin qabu yokaan ammoo kalee waan miidhuuf fudhatamuu hin qabu jechuu osoo hin taane, tarii yoo dhukkubbii salphaadhaaf jennee fudhanne miidhaan isaa faayidaa isaa akka caaluu malu ni beeknaa? Yokaan ammoo yeroo hedduu irra deddeebinee yoo fudhanne qorichi kun garaacha keenya madeessuudhaan haga garaachi garmalee dhiigee, dhiiga balaqqamsiisuutti akka geessisu ne beeknaa?
Yeroo tokko tokko ammoo qorichootni eegumsii fi kunuunsi qorichaaf godhamuu qabu hin godhamneef alaa gara biyyaa seenan akkasumas biyya keessa turan haala garaa garaatiin dhukkubsataa ykn fayyadamaa bira ga’an ni argama. Kun ammoo qorichi kun yokaan yeroon itti darbee, yokaan haalli tempireecheraa itti toluu baatee hojii ala ta’uu danda’u. Qorichoonni akkasii dhukkuba akka fayyisaniif yokaan fooyyessaniif oomishaman fayyisuu ykn fooyyessuu dadhabuu isaanii qofa osoo hin taane miidhaan isaan fayyaa namaa irraan ga’an hedduu ol’aanaadha. Kanaaf of eeggannaa ol’aanaa taasisuun dirqama dha.
Walumaa galatti qorichoonni mana yaalaa irraa yoo nuuf kennaman of eeggannoowwan armaan gadii kana taasisuun dirqama.

  1. Yeroo hundumaa qorichi yeroo nuuf ajajamee bitannu, guyyaan isaa kan itti hin darbine ta’uusaa haalaan mirkaneeffachuun dirqama ta’a.
  2. Qoricha yoo bitannee mana gallu, mana keessa lafa iji ijoollee hin argineefii qaqqabanii fudhachuu hin dandeenye kaa’uudha.
  3. Lafa kaa’amuu qabus seeraan kaa’uu! Fakkeenyaaf, qoricha sana irratti hundaa’uun, lafa qabbanaa’aa kaa’amuu qaba yoo ta’e lafa qabbana kaa’uu fi lafa aduun jiru irraa fageessuu!
  4. Qadaada ykn cuftuu qodaa qorichi keessa taa’u sana haalaan jabeessanii cufanii kaa’uu! Kunis waantonni adda addaa mana keessaa qorichatti dabalamuun miidhaa biraaf akka nu hin saaxilleef jechuudha.
  5. Baay’ina ykn hanga qoricha fudhatamuu qabuu fi yeroo isaa sirriitti eeguun fudhachuudha. Fakkeenyaaf qoricha guyyaatti si’a/al sadii fudhatamu akka namaaf galuuf jecha yeroo baay’ee: – ganama, guyyaa fi galgala akka fudhatamu jedhama, garuu sa’atii 24 keessatti sa’atii saddeet saddeetiin (8) fudhatamuudha qaba! Qoricha guyyaatti alsadii akka fudhannuuf nuuf kenname kana, ganama sa’aa kudha lama (12:00), guyyaa sa’aa saddeet (8:00) irrattii fi halkan sa’aa afur (4:00) irratti fudhachuun haala sirrii ta’edha.
  6. Qoricha qodaa isaa keessaa baafnee iddoo biraa ykn qodaa qulqullina hin qabne keessa kaa’uu dhiisuu! Yoo danda’ame ammoo qodaa ittiin qorichi nuuf kenname sana keessaa baasuu dhiisuudha.
  7. Yeroo mallattoon dhukkubaa baay’inaan jiraatu, qoricha baay’ee altokko fudhachuun waan altokkoon nama fayyisu namatti fakkaata; garuu miidhaa guddaa namarraan ga’a. Akkasumas qoricha fudhachuu eegallee yoo mallattoon dhukkubaa nutti fooyya’e, waan fayyine nutti fakkaatee qoricha sana addaan kutna. Qoricha eegallee yoo addaan kutnu, dhukkubni sun yoo lammata nu qabate carraan qoricha sanaan yaalame fayyuu isaa gadi bu’aa ta’a, jechuunis dhukkubni sun qoricha sanaan walbara jechuudha. Dogoggorri akkanaa kun baay’inaan waan mul’atuuf, guyyaa meeqaaf akka fudhatamuu qabu adda baafannee fudhachuutu nurra jiraata!
  8. Qorichi guyyaa ajajameef fudhatamee yoo irraa hafe, lafa namnii fi bineensi ga’uu hin dandeenyetti gatuu, yokaan ammoo boolla qotnee awwaaluun dirqama. Qoricha yeroo tokko dhukkuba tokkoof kenname olkaa’anii yeroo biraaf fayyadamuun tasuma sirrii miti. Kunis qorichi sun mana keessatti yeroon itti darbuu fi akkasumas yoo haalli qilleensaa mijachuu baate illee waan summaa’uu maluufidha.
  9. Waa’ee qoricha kennamuu hubannaa ga’aa argachuu; kunis miidhaa inni namarraan ga’uu danda’u gaafa ogeessi fayyaa nutti himu haalaan qalbeeffachuu. Yoo waan nuuf hin galle jiraatee haalaan gafannee hubachuun mirga keenya waan ta’eef gaafachuu dha.
  10. Yeroo dogoggoraan qorichi ajajame sun baay’inaan fudhatamu, gara mana yaalaa deemuun ogeessa fayyaatiin ilaalamuu. Akkuma armaan olitti ibsinetti qorichi yoo baay’isnee haga barbaachisuu ol fudhanne summii waan ta’uuf hatattamaan mana yaalaa deemnee yaala ga’aa fudhachuu qabna jechuudha.
  11. Qoricha maatii keessaa nama tokkoof ajajame namni biraan akka hin fudhanne yookiis akka irraa hin qooddanne gochuun dirqama. Mallattoon dhukkubaas tarii yoo kan walfakkaatu ta’e mana yaalaa deemuun qoratamnee qoricha nuuf ta’u fudhachuudha malee, qoricha maatii keessaa nama tokkoof kenname fayyadamuun tasumaa balaa guddaa akka qaqqabsiisu beekuun barbaachisaadha.
  12. Qoricha bakka hin barbaachifnetti fudhachuu dhiisuu dha. Fakkeenyaaf qoricha bifa waraansaan kennamu, mana yaalaatti deddeebi’anii waraanachuu dhiisaanii namoota naannoo jiran irraa muuxannoo qofaan waraananiin fudhachuu balaa hamaaf nama saaxila.
  13. Gorsa addaa waa’ee qoricha sanaan walqabatee kennamu hunda qalbeeffachuu! Fakkeenyaaf, nyaatas ta’e dhugaatii akkasumas qoricha biraa qoricha sanaa wajjin fudhatamuu hin qabne fudhachuu dhiisuu fi kkf dha!!
    Walumaa galatti qorichoota gaafa fudhannu, ofeeggannoo ga’aa gochuudhaan faayidaa uumamaniif akka oolan taasisuu fi miidhaa isaan nurraan ga’an xiqqeessuudha.
    Dr. Gurmeessaa Hinkoosaa
    Arsii yuunivarsiitii
    Horaa Bulaa
    Fayyaan Faaya.

Comments

comments

Related posts