Health 

Ittisa da’umsaa hattamaa

ReproductiveHealth Karoorri maatii atattamaa (postpill) kan jedhamu gosa qusannoo maatii shamarraniif laataman keessaa isa tokko ta’ee heedduminaan ga’eessotatu fayyadama. Kunis kan ogeessa fayyaatiin ajajamu ykn kan akkasumaan mana qorichaati bitamudha. Karoorri maatii atattamaa kun kan fudhatamu; 1.wayita shamarran dirqisiifamanii gudeedaman. Wayita kondoomiin tarsa’u Osoo qusannoo maatii kan pills jedhamuu fadhataa jiranii ija lamaaf isaa ol yoo hir’aanfatan. Wayita quunnamtii saalaa daangaa hin qabne raawwatan. Osoo kalaanderii fayyadamaa jiranii yoo quunnamtii saalaa dangaa hin qabne raawwatan. Postpills kun dandeetiin ulfa ittisuu isaa sa’aatii inni itti fudhatamerratti hundaa’a. Kunis yeroo heedduu tableetiin…

Read More
Health 

Dippoo Prooveraa

Depo proveran kanneen hormonaali qusannoo maatiif kennaman keessaa isa tokko. Kunis marfeedhaan kan ji’a sadii sadiin kennamuudha. Gosni qusannoo maatii kun shamarran gariin irtatti amala marsaa laguu jeequu ykn hambisuu,mataa dhukkubbii,finnisa qaama ykn fularratti baasuu,furdisuu,wayita ilmoo godhachuuf qusannoo maatii kana addaan kutan tursiisuuf kkf of keessaa qaba. Wayita daa’ima godhachuuf addaan kutan shamarran gariin hanga ji’a ja’aatti ulfaa’uu ni danda’u . Shamarran hammi kaan immoo erga addaan kutanii hanga waggaa lamaatti ulfaa’u. Kanaaf gosni qusannoo maatii kun dhibee dhala dhabdummaa yeeroo dheeraa waliin waan wal hin qabanneef dhiphachuun hin barbaachisu.…

Read More