Dippoo Prooveraa

Depo proveran kanneen hormonaali qusannoo maatiif kennaman keessaa isa tokko. Kunis marfeedhaan kan ji’a sadii sadiin kennamuudha. Gosni qusannoo maatii kun shamarran gariin irtatti amala marsaa laguu jeequu ykn hambisuu,mataa dhukkubbii,finnisa qaama ykn fularratti baasuu,furdisuu,wayita ilmoo godhachuuf qusannoo maatii kana addaan kutan tursiisuuf kkf of keessaa qaba. Wayita daa’ima godhachuuf addaan kutan shamarran gariin hanga ji’a ja’aatti ulfaa’uu ni danda’u . Shamarran hammi kaan immoo erga addaan kutanii hanga waggaa lamaatti ulfaa’u. Kanaaf gosni qusannoo maatii kun dhibee dhala dhabdummaa yeeroo dheeraa waliin waan wal hin qabanneef dhiphachuun hin barbaachisu.…

Read More