Health 

DHIPHINNII SAMMUU furdina qaamaa garmalee namatti fida

Dhiphuu/muddamaa fi furdina qaamaa
+
Biyya keenyatti nama furdate yoo arginu ‘jireenyi siif ta’eera’ jechuun baratamaa dha.
Qorannoon gara gara akka agarsiisanitti namootni gaafa dhiphuu /muddama keessa dheeraaf turan ni furdatu ykn ulfaatinni qaamaa isaanii ni dabala.
Namni gaafa dhiphatu hormonii muddamaa, kortisool, kan jedhamu xannacha adrenalinii irraa baayyinaan madduun qaama namichaa balaa dhufuuf qopheessa. Yeroo namichi dhiphuu keessa bahu hormoonichis bakkatti deebi’a.
Dhiphuun/muddamni namoota tokko tokko irratti bifa isaan dhiphachuu ofii ofirratti hin beekneen mullachuu danda’a. Yeroo dheeraaf koortisooliin baayyinaan dhiiga isaa keessa tura jechuu dha.
Kun immoo fedhiin nyaataa isaa garmalee akka dabalu gochuun rakkoo furdina garmalee dabalatee rakkoo fayyaa akka olka’uu dhiibbaa dhiigaa, haleellaa sammuu, dhibee sukkaaraa fi kkf isa saaxila jechuu dha.
Furmaata
Soraata, bohaarsa, hariiroo, hojii ofii karooraan gochuun bututtii sammuu fi dhiphuu/muddama ofirraa ittisuun barbaachisaa dha.
FAYYAA SAMMUU MALEE FAYYAAN HIN JIRU

Comments

comments

Related posts