Psychology Romance 

Gosootaa fi ka’umsa jaalalaa torban. The seven types of love and causes


Jaalalli guyyaa guyyaatti nuti namaaf kenninu yokaan namarraa fudhannu kanneen armaan gadii ofkeessatti qaba.
1. Eros
Kun jaalala miiraa walqunnaamtii saalaaf waliin qabaatu yoo ta’u jaalala dhiiraaf dubara gidduu jiraatuudha.
2. Philia
Jallalli kun jaalala hiriyyummaa kan waan gaarii waliif yaaduu, wal amanuu, faayidaa walii eeguu fi kkf jecha wal jaallatan jechuudha. Jaalalli hiriyyummaa kun saala hin fo’u. Jaaalli inni tokkoffaa irra jiru (Eros) nama jaalatan “kan ofii” godhachuu irratti hundaa’a. Inni kun garuu waa’ee nama biraa kan ofii godhachuu osoo hin taane, walhubachuuf waliin jiraachuu irratti xiyyeeffata.
3. Storge
Jaalalli kun kan maatiin (haadhaa fi abbaan) dhala isaaniif qaban yoo ta’u, akka philia walhubachuu wal amanuu fi faayidaa irratti kan hundaa’e miti. Sababa takka malee haatiif abbaan dhala isaanii jaallatu.
4. Agape
Kun jaalala namni uumamaa fi uumaadhaaf qabu kan uumamumaan isa keessa kaa’edha. Fkn bishaan, bosona, fincaa fi waaqa uumaa isaa illee kan ittiin jaallatudha.
5. Ludus
Kun jaalala wal bashannansiisuu fi waaliin qoosuu irratti hundaa’edha. Yeroodhuma waliin qoosaniif malee dhimma biraa yokaan jaalala kanneen biraa kan ofkeesaa hin qabnedha. Yeroo tokko tokko jaalala Ludus gara Erotic ce’a.
6. Pragma
Jaalala faayidaa yokaan walfakkaachuu qofa irratti xiyyeeffatedha. Fakkeenyaf namoonni bebbeekamoon lama sababa beekamtii isaaniif barbaadanii yoo walbaran, sooressoonni lama yoo akkas godhan pragma jenna.
7. Philautia
Kun jaalala namni ofii isaatiif qabudha. Kun yoo garmalee guddate ofittummaa fida. Hamma tokko garuu jiraachuu qaba. Galatoomaa.

Comments

comments

Related posts