Health Psychology Romance 

Quussanaa maatii uummamaa

Quussanaa maatii uummamaa

Quussanaa maatii uummamaa keessaa Marsaan Laguu isaa tokkoo haata’u malee ,marsaan laguu fayyadamun offii eeggannoo baayee barbada.

Karaa gababaan Quussanaa maatii uummamaa yeroo jennuu maal jechuu kenaa, Gadamessaa kessaattii kalleen ykn buphaan ummamuuf guyyotaa 14 fudhaataa , Garuu buphaan lubbuun jiraachuu kan danda’u guyyoota 3-5ttii haluumma walfakkatuun , spermiinis lubbuudhaan turuu kan danda’u guyyoottaa 5-6ttii. Guyyootaa kanaan allattiii walqunnamtii salaa yoo rawwannee ulfaayuu dhabuu ni dandenaa.

Quussanaa maatii uummamaatt ykn marsaa laguuttiit fayyaadamuun carraa ulfaayuu persenti torbatamaan hir’isuu ni dandayaammaa.

Hubachisaa:

  1. Malaa ittisaa kana bu’aa qabessaa tasisuuf yoo xiqqaatee ji’otaa jahaaf marsaa laguu kennaa hordofnee , marsaan laguu kennaa Guyyootaa hagaam akkaa dheeraatuu galmeefachuu qabnaa.
  2. Maalii ittisaa kuni persentii 70 qofaa ittisuu danda’aa kanafii malaa qusannoo biraattiin gargaaramuu qabaa
  3. Postii kanaa irratti kalandeeriin fayyadamnee fakkeenyaaf qofaa marsanii laguu namaa hundatuu garaa garaa ijaa taheef.
  4. Dheeriinii  marsaa laguu kennaa guyyootaa 27 gadi yoo ta’ee malii kunii hin fayyaduu

Wantotaa barbachisani

  1. Kaladeerii yeroo isaa egatee
  2. quubbeessaa

Ji’ootaa 6 hordofnee ergaa dheerinaa marsaa laguu kennaa galmeessineen booda. Garaa ittii fayyadaamaa malaa kanaat seenuun ni dandayaamaa.

Fakkeenyaaf (29,30,26,29,29,28) galmeesinee haa jennuu. Dheerinaa marsaa laguu galmeessinee kessaa innii dheeraan 30 innii Gababaan 26.

Wantii murteessaa biraa tokkoo guyyaa kamin irraa jalqaabnee akkaa lakkofnuudha. Guyyaa laguun kennaa bayee dhangala’ee tokkoo jennee lakkofnaa. Yeroo tokko tokkoo xiqqoo qofaa mudhachuu dandayaa guyya sanin hin lakkofnu ( yeroo garii prematured spoting jedhamaa) utuu yeroo hin gannee dhignii xiqqoon bayuu danda’aa kanaaf guyyaa dhignii bayee dhangala’ee akka guyyaa marsaan laguu jalqabeettii fudhanaa. Guyyooni hagaa marsani laguu deebi’ee dhufuuti jiraani yoo lakkofnee dheerinaa marsaa laguu kennaa nuuf kennaa jechuudhaa.


Malaa kana fayyaadamuuf guyyaa gababaafi dheeraa fudhaanaa sanaa booda isaa armaan gadi rawwachuudhaa.

  1. Kalandeerii kennaa irraatti guyyaa Marsaan laguu jalqabee ykn guyyaa guddisee dhangala’ee akkumaa gubaa irraattii tuqameetii. FKN camsaa 2 ha jennuu.kalanderii kenaa irrati camsaa 2 irratii malattoo kennaa gonaa.
  2. Marsaa isaa hundaa irraa gababaa jiotaa jahaaf galmesinee kessaa funee 18 irraa hirdhifnaa. Fakkenyaa kenaa irraatti kan galmessinee guyyootaa 26 iraa 18 . guyyaa 8 arganaa , ammaa guyyaa marsaan laguu dhufee irraa guyyaa 8 lakkofnee malatoo kalandarii kennaa irraattii gonaa.
  3. Marsaa isaa hundaa irraa dheraa funee 11 irraa hirdhifnaa fakkenyaa kenaa irraattii 30 kanai 30 irra 11 yeroo hir’ifnuu 19 nuuf kennaa. Ammas guyyaa dhufee irraa guyyotaa 19 lakkofnee mallatoo kalandarii kennaa irrattii gonaa. Guyyaa kanan booda walqunamttii salaa yoo rawwanee ulfayuu hin dandeenyuu.

Fakkenyaa kalanderii armaan gadi kanaa ilalaa. Gaffin yoo jiratii jalaa kanati commenti barressaa.

Comments

comments

Related posts