Romance 

Gaa’elli umurii itti raawwachuu qabu argadhe jedha Profesorri Ameerikaa tokko.


  • Qorannoon kun kan geggeefame Yuuniversiitii Utah Professor Nicolas Wolfinger nama jedhamuun yoo ta’u. Akkas jedha. Carraan walhiikuu haadha manaa fi abbaa manaa umurii gaa’elli irratti raawwatame waliin yoo walbira qabamu, umurii itti dargaggoon gaa’elatti seenanii carraan walhiikuu isaanii gadi bu’aa ta’e ni jira jedha. Innis waggaa 28 haga 32. Waggaa 28 gaditti ka walfuudhaniifi waggaa 32 olitti ka walfuudhan carraan walhiikuu isaanii xiqqoo olka’aadha jedha.
    An garuu qorannoo geggeessuu baadhus osoon Nicolas argee,

    “Professor Nicolas; harmeen koo yoo abbaankoo fuudhu waggaa 16 jedhani… waliin qotanii, horanii, dhalchanii, guddifatanii, barsiifatanii, amma umuriin isaanii waggaa shantamoota fi jaatamoota keessa seeneera. Isaan tarii qorannoo kee kana hin argine ta’a. Animmoo amma barana waggaa 26ffaa qabadheera, amma waggaa lama qofaakee taa’i naan jetteeree? Lakkii anoo waggaa lamas taa’ee hin eegu osoon kan lameenuu waljaallannu sabboontuu takka argadhee boor ganaman fuudha; walis hin hiiknu hin yaadda’iin!” jedheen  itti hima. (Beeksisa beeksifattaa? akka naan hin jenne)
    Mee isin maal jettu gaa’elli umurii sirrii qabaa? Yoo wanti hunduu namaa guutuu didehoo?
    Akkan yaadutti isaan warri adii kun mana ijaaruu; qodaa mana keessaa bituu; waa’ee nyaataa; mucaa guddisuu waan hin yaadanneef asii ol haasa’u!

Comments

comments

Related posts