Health 

Erectile dysfunction ; Ka’uu dadhabuu qaama saalaa dhiiraa.

ERECTILE DYSFUNCTION
Erectile dysfunction is defferent from loss of libido and premature ejaculation. Erectile dysfunction is problem of male sex organ (penis), that doesn’t erect and helps in performing sexual intercourse.
DHIBEE KA’UU DADHABUU QAAMA SAALAA DHIIRAA
Qaamni saalaa dhiiraa kan dhaabbatu
(erection) yoo hormooniin sammuu keessaa gadi lakkifamee ujummoolee dhiigaa qaama saalaa dhiiraa keessatti argaman dhiigaan guutuudhaan dhiibbaa (pressure) uumudha.
Haalli kamillee kan kana dangeessu, qaamni saalaa dhiiraa dhaabbatee walqunnaamtii akka hin raawwanne dhorka, osoo fedhii qabuu jechuudha. Yoo fedhii hin qabaanne garuu inni kan biraati malee dhukkuba kanaan walqabachuu dhiisuu danda’a (decreased libido).
Dhibeen kun akkuma umuriin dabaleen
dabalaa deema. Giddu galeessaan dhiirota waggaa 40 keessaa 5% yoo hubu, warreen waggaa 70 ga’an keessaa ammoo haga 15% hubuu danda’a.
Dhibee kana kanneen namatti fidan keessaa.

  1. Rakkoo xiinsammuu (psychological
    problems). Kun yeroo hedduu namoota
    saalqunnaamtii waliin walqabatee miidhama, sodaaa fi kkf qaban.
  2. Dhukkuba sukkaaraa
  3. Tamboo xuuxuu
  4. Dhukkuba narvii
  5. Qorichoota adoochan kan akka hashiishii fi kkf.
  6. Qorichoota dhukkuba biraa yaaluuf
    ajajaman kan akka, antihypertensive,
    antihistamine, antidepressants, etc.
  7. Depression ( among psychiatric problem) fi kanneen biroon illee in jiran.
    Furmaanni rakkoo kanaa yeroo ammaa
    qorichoonni garaagaraa jiraatanis yeroo
    baay’ee sildenafil (viagra) akka ballinaan
    fayidaarra oolaa jiru beekamaadha. Qoricha kana ajaja ogeessaa fayyaatiin qofa fayyadamna. Midhaawwan cinaa (side effects) qorichi kun qabu keessaa; mataa dhukkubbii, gadteessisuu (diarrhea), garaacha dhukkubsuu (dyspepsia), oldeebisuu (nausea). Fi kkf.
    GALATOOMAA.
    Some erctile problems may need further investigations and managements.

Comments

comments

Related posts