Health 

The characters of true love: Amaloota Jaalala Fayya Qabeessa kudhan

True love is known by some principles and characters, and some psychologists believe that the following things characterize the true love.
Amaloota Jaalala Fayya Qabeessaa Fidan kudhan (10)!
XIINSAMMUU 001

  1. Jechoota kana sadan “Sin jaalladha”, “Galatoomi”, “Dhiifama” bakka isaan barbaachisan hundaatti utuu of hin qabiin fayyadamuu.
  2. Yoo balleessaa walirratti argan, hiriyyaa biraa, facebook fi namoota birootti haasa’uu dhiisaanii kallattumaan walitti haasa’uu.
  3. Jireenya dhuunfaa qabaachuu jaalaleewwan lameenii. Jireenya waliinii akkuma qaban, jireenya dhuunfaa isaaniifis kabajaaf bakka qabaachuu qabu. Jireenyi isaanii 100% kan waliinii ta’uu hin qabu.
  4. Jaalalli isaanii jaalala waan ammaa irratti hundaa’e ta’uu qaba. Fuulduratti ni jijjiiramna jedhanii ykn ni guddanna abdii jedhu qofarratti waljaalachuun jaalala hundee dhabeessa taasisa.
  5. Amanamummaa, iftoomina, walhubachuu fi waliin haasa’uun dirqama. Icciitiin dhoksaa hedduun jiraachuu hin qabu.
  6. Jalalleewwan lamaan yoo kan waliin qunnaamtii saalaa raawwatan ta’eef, lameen isaaniiyyuu gammachiisuu qaba. Ta’uu baannaan jaalalli isaan lameen gidduu jiru dhugaa ta’uunsaa hin amansiisu.
  7. Yeroo qaamaan wal arganis ta’ee yeroo bilbilaan waliitti haasa’an haasaan isaa/ishee, jaallallee isaa/ishee kolfisiisuu fi gammachiisuu qaba. Waliin hin kolfan, waliin hin gammadan taanaan haasaan isaanii waljibbisiisaa deema.
  8. Jaalalleewwan lamaan maatii fi hiriyyoota walii waliif kabajuu fi jaalachuu qabu.
  9. Garaa garummaa walii hubatanii, waliif kabajanii, waliif danda’anii jiraatu.
  10. Waldhabdeen jireenya isaanii keessatti yeroo tokko tokko jiraachuu qaba. Waldhabdeen tasuma hin jiru taanaan gadi fageenyi jaalala isaanii shakkisiisaadha.
    In other word, true love may have its own meaning and characteristics individually.

Comments

comments

Related posts