Health Technology 

HOW TO PROTECT OUR EYES: IJA KEENYA AKKAMIIN EEGGANNAA?

To protect our eyes well from different kind of rays out of mobile and computers what shall we do? Here are some.
Koompuuterri fi Moobayiliin Ija keessan akka hin hubne:

  1. Sadarkaa ifaa (brightness) koompuutera keessanii akka inni ifa naannoo keessa jirtanii waliin walfakkaatutti adjust godhadhaa. Fakkeenyaaf screen computeera keessanii fuula keessanitti akka madda ifaatti ifa baasaa jira taanaan ol ka’aadha jechuudha. Isin jalaa dimimissaa’ee jennaanis rakkoodha. kanaaf ifa naannoo keessanii waliin walfakkeessaa.
  2. Yeroo baay’ee yoo yeroo dheeraaf kan barreessitan ta’e halluun backgroun barreeffama keessanii adii, halluun barreefama keessanii ammoo gurraacha ta’uun gaariidha.
  3. Ija keessan daddaftanii ammaa ammaa yoo libsattan gargaarsa guddaa kenna. Kunis yoo libsannu qolli ija keenyaa dhangala’aa ija keenyaaf rabsee gogiinsa irraa ittisa.
  4. Ija keessaan garaagarummaa daqiiqaa 20 gidduutti haara galfachiisaa (bakka biraa ilaalaa itti deebi’aa). Daqiiqaa 20 ol walittti fuftanii compuutera hin laaliinaa takkaa achi ilaalaa itti deebi’aa.
  5. Fuullee ijaa kan coomputeraaf ta’u (computer eyeglass ) bitadhaa itti fayyadamaa. Akka kan siniif ta’u argattanitti ogeessa yaalaa bira deemaa barreesisaa bitadhaa
  6. Foddaa yokaan kallattiidhaan gara fuula comouutera keessaniitti bantanii hin fayyadamiinaa. Kun xiyya ifaa alaa dhufu ija kessanitti waan garagalchuuf miidhaa guddaa isinirraan ga’a.
  7. Iji keessan miidhamee havga argaa didutti ofirratti hin eegiinaa. Mana yaalaa deemaa ija keessan yoo xiqqate comp yeroo dheeraaf fayadamtu taanaan checkup godhaadhaa.
    American Opthometrics Association

Comments

comments

Related posts