brain , intelligencePolitics 

“Akka Ogeeyyiin Xiin-sammuu jedhanitti Bilchinii Sammuu gosa afur qaba:

“Akka Ogeeyyiin Xiin-sammuu jedhanitti Bilchinii Sammuu gosa afur qaba:

1) Bilchina sammuu Hubannoo(Intelligence Quotient (IQ))

2) Bilchina sammuu Miiraa (Emotional Quotient (EQ))

3) Bilchina sammuu Hawaasummaa (Social Quotient (SQ))

4) Bilchina sammuu Rakkoo (Adversity Quotient (AQ))

1. Bilchina sammuu Hubannoo (IQ): kun safartuu sadarkaa hubannoo keetii ti. Herrega furuuf, wantoota sammuutti qabachuuf, fi barnoota yaadachuuf IQ si barbaachisa.

2. Bilchina sammuu Miiraa (EQ): kun safartuu dandeettii namoota biroo wajjin nagaa eeguu, yeroo eeguu, itti gaafatamummaa qabaachuu, amanamaa ta’uu, daangaa kabajuu, gad of qabuu, dhugaa fi namaaf yaadu ta’uudha.

3. Bilchina sammuu Hawaasummaa (SQ): kun safartuu dandeettii ati networkii hiriyoota ijaaruu fi yeroo dheeraaf kunuunsuu kee ti.

Namoonni Bilchina sammuu Miiraa EQ fi Bilchina sammuu Hawaasummaa SQ ol’aanaa qaban jireenya keessatti warra IQ ol’aanaa qaban garuu EQ fi SQ gadi aanaa qaban caalaa milkaa’ini. Manneen barnootaa baay’een isaanii sadarkaa IQ fooyyessuu irratti hojjetu yoo ta’u EQ fi SQ ammoo gadi yeroo gahaa hin kennanii

Namni IQ ol’aanaa qabu tokko IQ giddu galeessaa qabaatus dhumarratti nama EQ fi SQ ol’aanaa qabuun qacaramuu danda’a.

EQ kee Amala kee bakka bu’a, SQ kee ammoo Kaarizimaa kee bakka bu’a. Amala Q sadan kana fooyyessuuf yaali, keessumaa EQ fi SQ kee.

Amma 4ffaan bayee addaa

4. Bilchina sammuu Rakkoo (AQ): Safartuu dandeettii jireenya kee keessatti bakka rakkisaa keessa darbuu, fi sammuu kee osoo hin hikatiin keessaa bahuu.

Bilchina sammuu kuni. Yeroo rakkoon isin mudatu eenyu akka Ammantani fi harka kennatan, eenyu akka maatii kessanii dhiistaan, irraa darbee immoo ofi ajjeesuu yaadu fi murteessu dandentaan safaraa.

Warri maatii qabdanii ijoollee keessan Barnoota qofa osoo hin taane muuxannoo jireenyaa akkaa qabatanii Gargaraa. Hojii harkaa ,Ispoortii fi Aartii barachuufi muuxannoo adda addaa horachuu qabanii qabu.

IQ isaanii, akkasumas EQ, SQ fi AQ isaanii guddisuu. Nama roga hedduu qabuu fi warra isaanii irraa walabaa ta’anii waan tokko hojjechuu danda’an ta’uu qabu.

Dhumarratti, ijoollee keessaniif karaa hin qopheessinaa. Ijoollee keessan karaadhaaf qopheessaa.”

yoo hanga kana dubbiftan yaada keessan nuuf barreessaa Badhasaa qabna

Comments

comments

Related posts