Politics 

Yakka nama rifachiisu Mucaa Sanduuqa keessa jiru teeknooloojii daataa jiruu irra fuula nama deebiisanii ijaaruun yakka furuuf gargaaru. Face reconstruction technology.

Yakka nama rifachiisu Mucaa Sanduuqa keessa jiru fi 

teeknooloojii daataa jiruu irra fuula nama deebiisanii ijaaruun yakka furuuf gargaaru.

Yakka nama rifachiisu Mucaa Sanduuqa keessa jiru fi 

teeknooloojii daataa jiruu irra fuula nama deebiisanii ijaaruun yakka furuuf gargaaru.

Fulbaana 1957tti barataan kolleejjii tokko bosona Filadelfiyaa keessatti reeffa mucaa xiqqaa tokkoo argee argannoo isaa isa suukaneessaa poolisiitti hime. Mucaan kun akka malee reebamee saanduqa dulloomaa keessa ciifamee argame. Eenyummaan isaa hin beekamu ture.

Namoonni hedduun odeeffannoo dhimmichaan walqabatu qabatanii kan dhiyaatan yoo ta’u, poolisiin garuu ragaa nama kamiyyuu mirkaneessuu hin dandeenye. Dubartiin tokko Maartaa jedhamtu, haati ishee miidhaa gurbaa kana irrattii akkaa geessitee dubbatteetti. Fooqi isaanii jalatti miidhaa qaamaa fi saalqunnamtii irratti raawwatameera. Poolisiin seenaa Maartaa kanaaf fedhii akka qabaatu kan taasise,gadi fagenyaa senichaa  hin ibsamne beekuu isheeti. Mucaan kun reebamee du’uu isaa yeroo muraasa dura, Bollooqee bishaanitti makame akka nyaate kan ibsite yoo ta’u, kunis qorannoo reeffaa kanan kan mirkaneessedha. Akkasumas du’a isaa dura dhiqamuu isaa kan himte yoo ta’u, kunis quba bishaaniin ciccirame kan qorannon argate waliin wal fakkaata. Ragaan Maartaan kennite ragaa wajjin kan walsimu fakkaatus, seenaan dhukkuba sammuu guddaan isheen qabdu ragaa amanamaa hin taane akka taatu ishee taasiseera.

Hoggansi biraa kan dhufe ogeessa saayikii tokko irraa kan dhufe yoo ta’u, inni mana guddiftuu naannoo mucaan kun argameetti dhihoo jiru, osoo hin argin sirritti ibse. Hojjetaan waajjira qorataa Remington Bristow qajeelfama saayikii hordofee gara mana guddifachaa sanaatti deeme. Keessatti, saanduqa mucaan sun keessa argamee wajjin walsimu argate.Akkasumas firaasha isa reeffa gurbaa sanatti marfamee wajjin wal fakkaatu argate. Warra guddisan irratti ragaan dhugaa himatu waan hin jirreef, argannoon Bristow’s akkasuma kufaa ta’eera.

Waggaa 62 booda dhimmi Gurbaa Sanduuqa keessa jiruu ammas qoratamaa  jira. Teeknooloojiin fuula irra deebi’ee ijaaruu mucaan kun utuu lubbuun jiraatee maal fakkaachuu akka danda’u suuraa fakkeessaa kan kenne yoo ta’u, namni isa himachuuf fuulduratti bahee hin jiruu. Qorannoon DNA fi ilkaanis yaalamee hanga ammaatti milkaa’ina hin arganne. Eenyummaan Gurbaa Sanduuqa keessa jiruu hanga har’aatti hin beekamne.

Comments

comments

Related posts