successful lifePolitics 

How to Set Goals and Achieve Them: Qabxilee 10 Kayyoo Tolfachuuf , Kayyoo tolfatan galmaa Gessuu nu gargaraan.

How to Set Goals and Achieve Them: Qabxilee 10 Kayyoo Tolfachuuf , Kayyoo tolfatan galmaa Gessuu nu gargaraan.

Yeroo bayee karoraa bafanee Galama Gayuuf bayee nama rakkisaa , yeroo dheeraaf  karoorfanee galmaa gayuu dhabuu kennaa irraa kana ka’e bayeen kenaa sadarkaa abdi kutachuu irraa genyeeraa Hata’uu malee karaa malaa sayinsawaa ta’een Kayyoo tolfachuuf galmaa gayuun ni dandayamaa!

Akkaa qoranoo ‘Statistic Brain’  godhameetin persentin 92% utuu kayyoo bafatani galmaan hin gayiin waggaan(year) suni irrattii dhumataa. Sani qofaa utuu hin tanee waronii karoraa bafataa Torbanuumaa jalqabaa irraattii akkaa abdi kutaan Qorananin kuni irraa gayeeraa, kanaf yoo kayyoo dhunfaaf businessaa bafataan galamaa gayuun yoo isini rakkisee? Haala kayyoo itti tolfataan jijjirunii dirqamaa ta’aa, kayyoo tolfachuun karoraa ifatii galmaa qabuu fi galmilee xixinnoo galamaa guddaa namaa gessani kan ofi kessattii qabatee ta’uu qabaa.kessatuu kayyoon nuutii lafaa kayanuu kan galmaa gayuuf dand’amuu ta’uu qabaa.

Kayyoo qabatee Galmaa gayuun yoo si dhibee Qabxileen armaan Gadiit Tareefaman bayee akka nama gargaraan qoranani irraa Gayameeraa. Qoranaa Garii!

  1. kayyoo gatii qabuu ykn bu’aa qabessaa bafadhuu : Yeroo  bayee namoni kayyoo gatii hin qabnee bafatanii , hubadhaa kayyoo wanti bafanuuf bakkaa duraa turee irraa garaa iddoo foyee qabutii kan nuu gessuu ta’uu qabaa.kayyoon bafatuu onachiisaa(motivation) yoo sii hin keninee kayoon sun gatii hin qabuu. Kayyoon ati bafatuu miraa kankakee kan si kakasuu ta’uu qabaa. Businessa jalqabuuf karooraa bafachuun karooraa bayee gatii guddaa qabuu dandentii isinif maatii kessanii jijjiruu qabaa garuu yadaa businesin kunii irratti ijjaramuufi business plani basuu, liqii fudhachuu , hujataa qacaruu fi meshaa omishani gurguruuf bituu ofi kessattii qabachuu ni malaa, Gamaa birattiin mana barumsatii debani barachuu digrii ofi argachuuf kayyoo biroo ta’uu ni malaa. Kanafuu kayoo Gatii guddoo qabduu fi isin onachiiftuu bafachuu barbachisaa jechuudhaa.
  1. Kayyoo akka Gariittii si Dalagsiftuu filadhuu: Mataa duree akkaa Kayyoo/galmaa toolfachuu kessatii kayyoo galmaa gayuu danda’uu(realistic) ta’ee akka bafataan gorsuun kan baratamee, namni hundi kayoo galmaa hin genyee bafachuun fayidaa akka hin qabnee ni hubataa. Garuu kayyoo kessani kayyoo si jijjiruu fi akka gariittii akka dalagduu si tasisuu ta’uu qabaa.
  1. Kayyoo Gababduu fi ifaa tatee bafadhuu: Kayyoo yoo ifaaf gabaabduu hin tanee galmaa gessuu bayee nama rakkisuu danda’aa. Fkn businessaa ykn daldalaa jalqabaa jetee karoraa bafatee karorii kuni ifaa miti , kayyoo akkana kana yeroo bafatuu haala akkamin fi maal hojjatee akka galma gessitulee walin bafachuu qabdaa jechuudhaa.
  2. Kayyoo  keettiif Dabarsii ofi kenii: kayyoo fi karoraa bafatee galmaa gessuuf muranoo qabachuu barbachisaa kanafii kayyoo waraqaa irrattii barefachuun  bayee barbachisaa wanti ta’eef, Kayyoo kanaaf karoraa rawwii sirritti barayee qopheesuufi qabnaa. Onachisaa argachuuf jechotaa cicimoo namotaa beekamanin biryani dubbifadhuu. Wantii biraa kan hubatamuu qabuu kayoo galmaa gessunii wantaa hatataman halkan tokkon rawwatamuu mitii. Kayyoo kana galman gayuuf cimaani hojjachufii yeroo dheraa irratti fixuu barbachisaa ta’uu ni malaa.kanaa jechuun yeroo addaa kayyoo kessani addaa baftani kenuufi qabdani.
  1. Kayyoo kankee namni hundumtii akka beekuu tasisii. Kana jechuuni namni hundumtii kayyoo kanaa akka galmaa gayuu tasisuuf dalaguu sii egaa kanafii namoni biroos wantaa si egutii jiranifi onachisaa guddaa siif kenaa kanaa jechuun kayyoofi karoraa kankee tokkoo tokkon dabasi kenii jechuu mitii. 
  2. Kayyoo jalqabaa rawatamuu qabuu adda bafadhuu: kayyoon projektii guddaa ji’otaa fudhatuu ta’uu hin qabuu , kayyoon bafatee hundumtii yeroo guddaa fudhataa hunduma isani yeroo tokkoon galmaa gessuun wantaa nama dhibuuf isaa jalqabaa rawatamuu qabuuf dursaa kenuun kayyoo kee irrattii guyyaa guyyaani dalagii. Yoo dada’amee Yeroo tokkoon kayoo 3 calaa irratti hin dalagini.
  3. Sammuu kee kessattii kayyoon kuni gafaa galmaa gayuu maal akka fakkatuu ilaalii(visualize): Kayyoon wantaa rawwatamee harka irraa si jiruu mitii kanaaf sammuu kenaa kessattii hubachuuni bayee nuti ulfachuu ni malaa. Kanafi (visualize) godhuun nu gargaraa. Wanta sii onachisanifii suraa galmaa gayuu kayyoo kettii agarsisani marsaritii akka facebook fi kan biroo  irratti share godhudhan ofi jajabessii
  4. Kayyoo kankee galmaa gessuuf yeroo murta’ee keniif(set a deadline to accomplish your goal): kayyoon guyyaa itti xumuramuu hin qabnee kayoo galma gayuu mitii, kanafii kayyoo kankee galmaa gessuuf guyyaan murta’ufi qabaa. Kayyoon galii kee dabaluu yoo tatee guyya murasaa kessattif hagam akka dabaluu qabduu barefachuu barbachisaa sani godhuun kayyoo kee galma gessuuf bayee gargaraa
  5. Kayyoo kee sirritii madalii(evaluate your goals): kayyoon kee galma gayee gayuu dhabatees , wantaa dalagduu irra waan bayee barataa , kana jechuun maal dalagee maal baradhee fi maal foyyessuu qabaa kan jedhuu siritii gamagamuu barbachisaa. Kana godhuun imoo kayyoo durana bafatuuf bayee si gargaraa.
  6. Kayyoo kee yoo galmaa gessituu ofi badhasii(reward yourself for accomplishment): Galama gayuun gamachuu kessaa argachuun wantaa tokkoo garuu waa bitachuuf yeroo ofiif kenitee galmaa gayyuu kankeef bashananuf ayanefachuun ammo gamachuu bayee si umuu danda’aa

Kanafi kayyoo fi karoraa garii bafachudhaan jiruu kenaa haa foyyessinuu!

Comments

comments

Related posts